Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Dargaggoonni Oromoo 280 ol tahan Waldaa Walgargaarsaa fi Misoomaa Maccaa-Tuulamaatti Damee Aadaa fi Seenaatiin ji’oota sadiif aadaa fi seenaa Oromoo barataa turanii, Waxabajjii 28,2009 eebbaaf qophaawan waraana Wayyaaneetiin bittinfaman.

(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 8,2009) Maddeen keenya magaalaa Finfinnee irraa akka gabaasanitti mootummaan Wayyaanee duula Oromoo fi Oromummaa irratti gaggeessu itti fufuudhaan, ilmaan Oromoo ji’oota sadan darbaniif aadaa fi seenaa saba Oromoo barataa turanii Waxabajjii 28,2009 eebbaaf qophaawan  waraana isaa itti bobbaasee facaasee jira.

Barattoonni lakkoofsaan 280 gahan kunniin magaalota Finfinnee, Amboo, Walisoo, Salaalee, Adaamaa fi baadiyyoota Oromiyaa biroo irraa kan walitti qabaman si’a tahu, torbaan torbaaniin geejjiba baasanii magaalaa Finfinneetti deddeebi’uun barnoota isaanii hordofaa turan.

Waldaa walgargaarsaa fi misoomaa Maccaa- Tuulamaatti dameen aadaa fi seenaa dargaggoota muraasaa sagantaa barnootaa kana kan calqabsiise, mana dhuunfaa kireeffatee si’a tahu, lakkoofsi dargaggoota barnoota kanaan hawwamanii dabalaa dhufuu irraa bakki waan hanqateef, dargaggoonni maallaqa walitti busuun sharaa bitanii gaaddisa jalatti barataa akka turan odeessi nu gahe ni mirkaneessa.

Gabaasaan maddeen keenyaa dabaluun akka addeessuutti guyyaa eebbaa kana maatiin barattootaa fi ummanni kumaan lakkaawamu magaalotaa fi baadiyyoota Oromiyaa irraa huccuu aadaa Oromootiin faayamanii argamanis waraana Wayyaaneen facaafamanii gaddaan gara dhufanitti deebi’an.

Kanumaan wal qabatee waajjira WMT tti namoonni sadii ol akka hin argamne Wayyaaneen akeekkachisi kennamee jira. Prezdaantiin Waldichaa Obbo Dirribii Damisee guyyuu bilbilaan doorsifamaa akka oolan gabaasaa nu gahe irraa beekuun danda’ameera.

Gochaan kun yakka saba Oromoo fi Oromummaa irratti diinaan raawwatamaa jiru waan taheef, ummanni Oromoo bakka jiru maraa gochaa abaaramaa kana akka baleeleffatuu  qabu sab-boontoonni Oromoo dhaamaniiru. Tarkaanfiin mootummaa wayyaanee kun sirnichi amma illee WMT irraa harka isaa hin kaasin jiraachuu kan agarsiisuu dha.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net